Interneetiin Akkamitti Hojjeta?

Jaarraa kana keessatti faayidaan interneetii baay’ee bal’aa fi walqunnamtiidhaa olitti tajaajiluusaati. Garuu akkamitti hojjeta?

Aug 4, 2026 - 20:07
Aug 4, 2026 - 20:14
 0  8
Interneetiin Akkamitti Hojjeta?
How internet works

Akkaataan interneetiin itti hojjetu baay’ee walxaxaa ta’us, odeeffannoo gara kutaalee xixiqqootti (Packets) qoqqooduun fi karaalee adda addaan erguu irratti hundaa’a.

Pirootookoolota Dabarsa Odeeffannoo (Protocols)

Interneetiin akka hojjetuuf "pirotookooliiwwan" bu’uuraa ykn seerota qindaa’aa qaba. Isaanis akka armaan gadiitti ibsuuf yaalleerra.

IP/TCP (Internet Protocol / Transmission Control Protocol):

  • IP (Internet Protocol): Kun meeshaan kamiiyyuu interneetii irratti teessoo addaa (IP Address) akka qabaatan taasisa. Akkuma ergaa tokkoof teessoon poostaa  barbaachisu, teessoon IP odeeffannoon sun bakka sirrii gahuu isaa mirkaneessa.

  • TCP (Transmission Control Protocol): Kun immoo odeeffannoon sun tartiiba sirriin fi dogoggora malee bakka gahumsaa dhaqqabuu isaa mirkaneessa. Ergaa guddaa tokko gara "paakkketooota" xixiqqootti kan kukkutu fi bakka gahumsaatti deebisee kan walitti qabu TCP dha.

  • HTTP/HTTPS (Hypertext Transfer Protocol): Pirootookoolii fuula weebsaayitii fi odeeffannoowwan biroo 'server' irraa gara iyyaafataa (web browser)tti dabarsuuf tajaajiludha. HTTPS dabarsa odeeffannoo nageenyi isaa eegame (Encrypted ta'e) dhiyeessa.

Bu’uuraalee Misooma Neetworkii (Infrastructure)

Kun karaalee barbaachisoo odeeffannoon keessa darbudha.

  • Kebiloota Ooptikaal Faayibar (Fiber Optic Cables): Kunneen kirrii xixiqqoo faayiberii (glass ta’anii) haphii saffisa ibsaatiin odeeffannoo dabarsan. Walitti dhufeenyi interneetii addunyaa baay’een isaa kebiloota gurguddoo bishaan jalaan diriirfamaniin gaggeeffama. Gara ardii Afrikaattis kebilootni galaana jalaan ardii birootin wal qunnamsiisan ni jiru.
  • Raawutaroota (Routers): Meeshaaleen kunneen akka poolisii tiraafikaatti tajaajilu. Tokkoon tokkoon paakketii odeeffannoo fudhatanii bakka gahumsa isaa ilaaluun karaa saffisaa fi bu’a qabeessa ta’een akka deemu qajeelchu. Interneetiin kan hojjetu raawutaroonni kumaatamaan lakkaawaman waliin dalaguudhani.

Sirna Maqaa Doomeenii (DNS - Domain Name System)

Namoonni weebsaayitiiwwan kan argatan maqaa salphaatti yaadatamu fayyadamuudha ta’a (Fakkeenya: google.com).

Haa ta’u malee, koompiteroonni kan walitti dubbatan teessoo IP lakkoofsaan barreeffamaniini.

DNS akkuma bilbilaatti hojjeta. Akkuma nuti yeroo bilbila keenyarratti maqaa namaa barreessinu bilbila nuuf fidu sana, maqaa doomeenii yeroo barreessinu, 'server' DNS teessoo IP maqaa sanaa Isa sirrii ta’e argatee koompiteraaf kenna. Sana booda koompiterichi 'server' sirrii (IP Address) sana waliin wal qunnama.

Interneetii Maaliif Fayyadamna?

Interneetiin adunyaa kanarratti jijjiirama gurguddoo fideera. Akka fakkeenyatti;

1. Walitti Hufeenya Addunyaa fi Giloobalaayizeeshinii: Interneetiin daangaa dhabamsiisuun gloobalaayizeeshinii saffisiiseera. Fakkeenyaf:

  • Daldala Addunyaa: Kaampaaniwwan xixiqqoo dabalatee oomishaalee isaanii addunyaa guutuutti gurguruu danda’aniiru.
  • Aadaa fi Barnoota: Aadaa, afaan fi beekkumsa adda addaa bakka kamiyyuu salphaatti argachuun danda’ameera
  • Hirmaannaa Siyaasaa: Namoonni dhimmoota addunyaa irratti odeeffannoo argachuuf, marii'achuuf, akkasumas hirmaachuf itti fayyadamu.

2. Barnoota fi Beekkumsa Argachuuf: Intarneetin adeemsa baruu-barsiisuu hunda mijataa taasiseera. Fakkeenyaf:

  • Madda Barnootaa Banaa (OER): Kitaabonni bilisaa, barruuleen qo’annoo fi gabaasni qorannoo salphaatti ni argamu.
  • MOOCs (Massive Open Online Courses): Yuunivarsiitiwwan gurguddoo addunyaatirraa koorsota bilisaa ykn gatii gadi bu’aan fudhachuun danda’ameera
  • Tumsa Qorannoo: Saayintistoonni fi qorattoonni fageenyi osoo isaan hin daangessin pirojeektii tokko irratti waliin hojjechu danda’aniiru

3. Kalaqaa fi Guddina Diinagdee

  • Hojiiwwan Startups: Moodelli daldalaa haaraa fi kalaqoonni interneetii irratti hundaa’uun salphaatti uumamuu fi babal’achuu danda’u. (Fkn: Appilikeeshinoota, tajaajiloota sooftiweerii)
  • Hojii Fageenyaarraa (Remote Work): Qulqullina hojjettootaa dabala, kaampaaniwwan immoo ogeeyyii addunyaa kamiyyuu qaxaruu danda’u.

⚠️ Qormaata Jiruu fi Yaaddoo Intarneetin Fiduu Malu

Faayidaalee kanaan olitti tuqaman malees, interneetiin qormaata mataa isaa qaba:

  • Nageenya Saayibarii (Cybersecurity): Hanna odeeffannoo, weerara maalweerii fi yakka saayibarii.
  • Dhimma Dhuunfaa (Privacy): Kaampaaniwwan gurguddoon odeeffannoo fayyadamtootaa baay’ee walitti qabuun yaaddoo ta’eera.
  • Odeeffannoo Soobaa (Misinformation): Namni kamiyyuu odeeffannoo sobaa facaasuu waan danda’uuf, oduun soobaa fi odeeffannoon dogoggoraa saffisaan babal’ata.

Gabaabaatti, jarraa kana keessatti faayidaan interneetii baay’ee bal’aa fi walqunnamtiidhaa olitti tajaajiluusaati. Interneetin madda beekumsaa, daldalaa fi jijjiirraa aadaa ta'eera.