Namicha Yeroo Hundaa Machaayee Galu

"Araqeen jiraa?"

Feb 8, 2026 - 00:33
 0  5
Namicha Yeroo Hundaa Machaayee Galu

Namicha machaa'aa tokkotu yeroo hunda araqee dhugee machaa'ee kukkufaa gala. 

Guyyaa tokkos macha'ee osoo inni karaarra ciisuu ijjoollen isaa fi haati Warraa isaa, "Kun gatii hin qabu" jedhanii fuudhanii saanduqa keessa galchanii itti cufan. Namichis rafee rafee erga jedhee of baree gaafa machiin irraa galuu, saanduqa keessa jiraachusaa baree saanduqa rurrukutee wixxifatee iyye. 

Ijjoollee isaa keessa inni tokko "ishii..... Ciisi callisiitii" jedheen 

Namicha :- eenyudha ati ?

Mucaa:- an warra du'an keessaa tokko, atimmoo har'a nutti dabalamtee nun jeeqin callisii ciisi. 

Namicha:- tole nan callisa garuu..

 jedhee maal osoo jedhee gaaridha,

Araqeen jiraa? 😆 😂 😆