Yeroo walqunnamtii saalaa Dubartiin akka dhiiratti ni dhangalaastii?

Gaafin akka kanaa namoota baayef ifa ta'uu baatus 'yeroo walqunnamtii saalaa dubartiin akka dhiiratti ni dhangalaastii?' kan jedhuuf waan saayinsiin jedhu maali?

Nov 20, 2025 - 13:01
 0  14
Yeroo walqunnamtii saalaa Dubartiin akka dhiiratti ni dhangalaastii?

Dubartiin yeroo walqunnamtii saalaa xumuruuf jettu dhangala'aan akka fincaanii qaama saalaa  faca'u maali?(female ejaculation)

Dubartoonni hedduun waan kana akka dhukkubaatti ykn akka waan sirrii hin taanetti yaadudhaan walqunnamtii saalaa irraa fagaachuu kanneen filatanii fi jireenya walqunnamtii saalaa isaanii irratti dhiibbaa uumudhaan kanneen dhiphatan gara parsantii 10 ni ta'u. Akkuma beekkamu, dhiirri tokko walqunnamtii saalaa godhee dhuma irratti ni dhangalaasa. Dhangala'aan kunis xannacha proosteetii jedhamu kan hulaa afuuffee fincaanii haguugee argamu kan madduu fi sanyii dhiiraa ykn spermii, dhangala'aa furdaa ta'e kan cidhaan keessatti oomishamu qabata.

May be an image of body of water

Dhangalaasuu dhiiraa irratti yaadni dogoggoraa hin jiru! Wanti nama gaddisiisu garuu, yeroo fedhii xummuraa akka waan dhiirri qofti dhangalaasutti hubatamuu fi dubartiin yoo dhangalaaste rakkoo ta'ee fudhatamuu isaati. Garuu Isheenis dhangalaasuun rakkina fayyaa agarsiisa osoo hin taane, itti gammaddee walqunnamtii saalaa raawwachaa jiraachuu fi quufuu ishee mirkaneessa.

Dhangala'aan kuni buqushaa keessaa madda osoo hin taane, xannacha skeene jedhamu kan afaan afuuffee fincaanii haguugee argamuun madda. Karuma isheen fincaan fincooftuun qinxirii (clitoris) jalaan dhangala'a. Dhangala'aan kun fincaan fakkaachullee ni danda'a. Namni baay'een fincaanuma jedhee fudhata. Warri xiqquma bish godhanis jiru. Haata'u malee dhangala'aan kun fincaan of keessaa hin qabu. Foolin isaas akka kan fincaanii miti. Walqunnamtii saalaa itti aanuf naannoo sana laaffisee tolcha!

Kanaafuu, dubartiin dhangalaasuun ishee fayyummaa guutuu qabaachuu ishee fi xannachi skeene jedhamu kunillee nagaa ta'uu isaa argisiisa. Dhiphachuu fi yaadda'uun tasumaa hin barbaachisu. Akka dubartoonni yaadan osoo hin taane yeroo isheen dhangalaaftu dhiira ni gammachiisa.

Fayyaa qabaadhaa

Galatoomaa