Wal Hammachuu fi Faayidaa isaa
Saayinsiin waa'ee wal hammachuu maal jedha?
Yeroo Nagaa wal gaafannu wal hammachuun hawaasa keenya biratti hedduu baramaa fi aadaadhas. Garuu jijjiirama jireenyaa fi aadaa biyyoota guddatan irraa dhaalamaa dhufeen dargaggoonni keenya haalalumatti "Hi", "Peace", "Hey" jechuu fi ariifachaa walbira darbuun baay'achaa dhufeera.
Haa ta'u malee wal hammachuun faayidaa faayyaa fi kan biroo heddu qabaachuusaa qorannoon saayinsii heedduu mirkaneesseera. Isaan keessaa:
- Wal hammachuun hoormoonii/keemikaala "oxytocin" ykn "love hormone" jedhamuun beekkamu qaamni keenya akka burqisiisu gochuun, miira wal amanuu, walitti dhuufeenyaa gaarii, akkasumas miira nageenyaa akka dabalu taasisa.
- Wal hammachuun dhiphina sammuu xiqqeessa.
- Keemikaala dhiphina olkaasan qaama keessaa xiqqeessuun, sammuun yaaddoo fi dhiphinarraa akka tasgabbaa'u taasisa.
- Dhiibbaan dhiigaa fi rukkuttaan onnee yoo olka'e sirreessuun fayyummaa onneef gargaara.
- Sirna narvii "parasympathetic" si'eessuun madiinummaan qaamaa dhukkuba ofirraa ittisuuf gargaaru akka cimu taasisa .
- "Pressure receptor" gogaa keessaa si'eessuun dhukkubbiin qaamaa akka nurraa fooyya'u taasisa.
- Wal hammachuu heddumeessun miira kophummaa, mukaa'uu fi dadhabbii ni ittisa.
- Namoota wal jaalatan jiddutti hariiroo cimsa.
Wal haa hammannuu!
Galatoomaa!