Itoophiyaa irraa yeroo jalqabaaf

Itoophiyaa keessatti namoota yeroo jalqabaaf... kana beektuu?

Nov 15, 2025 - 10:27
 0  17
Itoophiyaa irraa yeroo jalqabaaf

Itoophiyaa irraa yeroo jalqabaaf

  1. Xiyyaara kan balaliise: Asfawuu Alii
  2. Dubartiin Jeettii waraanaa Su-27 balaliiste: Asteer Tolasaa. Aster jeettii balaliisuu qofa osoon taane jeetti diinaa qilleensa irraa buuste. Addunyaa irraayyis dubartii jalqabaati.
  3. Dubartiin xiyyaara balaliiste: Mulu-immabeet Immirruu (Afrikaa irraas dubartii jalqabaati)
  4. Ogeessa fayyaa kan ture: Warqinaa Isheetee
  5. Raadiyoodhaan oduu kan dhiyeesse: Kabbadaa Mikaa'eel
  6. Dubartiin karaa fooddaa Tv oduu dhiyeessite: Illeenii Makuraa
  7. Baankiin dubartootaan huddeeffame: Baankii Innaat
  8. Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa kan ture: Habta Giyoorgis Dinagdee
  9. Abbaa Waraana Ammayyaa: Meejar J/Mulugeetaa Bulii
  10. Mana barumsaa Ammayyaa jalqabaa: M/B Minilik II
  11. Daandiin Asphaaltii jalqabaa: Finfinnee - Amboo
  12. Fonqolcha mootummaa kan qindeesaan: Mangistuu Niwaayi fi Girmaamee Niwaayi
  13. Abbaa Tiyaatira Ammayyaa kan ture: Looret Tsaggayee G/Madiin
  14. Abbaa ogummaa aartii: artist Afawarqi Taklee
  15. Gaazexaan jalqabaa: A'imiroo(አእምሮ)dha.
  16. Dubartiin Hoggaantuu paartii siyaasaa turte: Burtukaan Miidhaksaa
  17. Dubartiin Hoggaantuu Ministeera Barnootaa turte: Gannat Zawudee  
  18. Barri ministiriin kutaa 6 eegale: 1938
  19. Barri ministiriin kutaa 8 barri eegale: 1940
  20. Barri Qormaatni Maatirikii eegale: 1944
  21. Muummicha Ministeera kan ture: Akliiluu Habta Waldi
  22. Kantiibaa jalqabaa kan ture: Bitwaddad W/Tsaadiq

Kan Dubbisnerraa

Kan hafe Comment jalatti itti dabalaa.

Suuraan kan Asteer Tolasaati