Dhaaltummaa fi Guddifachaa
Dhaaltummaa irraati dhimmi guddifachaa ija seeratiin akkamitti ilaalama?
Waliigalteen Guddifachaa mana murtiitin kan hin mirkanoofne yoo ta'e namni tokko akka dhaaltuu nama guddifateeti waraqaa ragaa dhaaltummaa fudhachuu kan hin dandeenye tahuu isaa.
Akka daa’ima guddiffachaati fudhatamuuf waliigaltee guddifachaa jiraachuu waan qabuuf waliigalteen kun mana murtiitti dhiyaatee mirkanaa’uu qaba.
Ta’uu baannaan guddifachaan bu’aa seeraa qabu jira jechuun waan hin danda’amneef dhimmi akkanaa dhimma seeraa waan ta’eef manni murtii ofumaan kaasuun murtii irratti kennuu danda'a.
Ragaan waliigaltee guddifachaa mana murtiin raggaasifamee daa’imni tokko daa’ima yokiin dhaaltuu akka ta’u mirkaneessu osoo hin jiraatin namni tokko daa'ima guddiffachaati jechuun waraqaan ragaa dhaaltummaa kenname kan haqamu tahu isaa manni murtii waliigala federaalaa dhaddachi ijibaataa jiildii 27ffaa galmee lakkoofsa 199906 ta'e irratti murtii dirqisiisaa kannee jira.