Nuti Eebbifamnee Rakkanne, Inni Barachaa Jannate.

Muudannoo yeroo dhiyoo saniim. Amma nutu goyyoome ta'ee, isatu abshaalome ta'ee waliisaan wallaale?

Feb 3, 2026 - 16:21
 0  16
Nuti Eebbifamnee Rakkanne, Inni Barachaa Jannate.

Muudannoo dhiyeenyati

Gurbaa tokkotu yeroo nuti reefu Yuuniversiitii seennu waggaa 3ffaa barata. Koorsiin Isaa "F"tti waan baay'atuuf utumanni waggaa 3ffaa keessa deddeebi'u dhaqnee qaqqabne. Waggaa 4ffaa waliin daree tokkotti baranne. Qorumsi boqonnaa 2ffaa keessaa baha yoo ta'e, inni 3ffaa dubbisa, 1ffaa keessaa baha yoo ta'e, inni 2ffaa dubbisa. Wanti inni godhu faallaadha.ย 

GPA isaa immoo yookiin akka isa hin ariisifnetti yookin immoo akka waggaa aanutti isa hin dabarsinetti iddootti eega. Waggaa 4ffaatii nuti gaafa gara 5ffaatti dabarru inni 4ffaa keessatti hafe. Waggaa 4ffaa keessa yeroo 3 deddeebi'e. Nuti erga eebbifamnee baanee waggaa 3 guuteera. Inni ammayyuu waggaa 5ffaa barachaa jira. Gochasaa kanatti nuti tti kolfaa turre.ย 

Amma garuu isatu nutti kolfa.

Nuti erga eebbifamne hojii barbaacha finfinnee dhufnee waggaa sadiidha. Inni ammayyuu mooraadhaa barachaa jira.

Nuti mana kiraayii ji'a ji'aan kanfaluu yaaddoon nu qal'isee, surreen dur uffannu nutti ta'aa hin jiru. Inni garuu waggaa hanga kana kanfaltii tokko malee doormii taa'a. ๐Ÿ˜€๐Ÿ˜†๐Ÿ˜€๐Ÿ˜†Sireen kan mootummaa. Firaashiin kan mootummaa. Manni kan mootummaa. Ibsaaf bishaan kan mootummaa.

Nuti qaala'insaaf jennee nyaata guyyaatti yeroo lama qofa erga nyaachuu jalqabnee bubbulleera. Inni garuu baasii tokko malee guyyaatti 3 nyaatee jiraata. Sanuu nyaata ganama nyaate guyyaa hin nyaatu. Nyaata gosa garagaraa nyaata.

Nuti foon waan jedhamu waggaatti yeroo 3 qofa argina. Isayyuu guyyaa ayyaanaa qofa. Inni garuu torbanitti yeroo sadii foon (zeerfoorii) kanfaltii tokko malee kaaffee mootummaatii nyaata.ย 

Kaleessa naaf bilbilee "Akkam jireenyi?" naan jedhe. Anis waan nuti keessa jirru utuu hin dhoksiin itti tarreesse. "Akkakoo fageessitanii hin yaaddanii isin. Maaltu qef qef godhee, jannata lafarraa keessaa isin baasee?" naan jedhe.ย 

Amma nutu goyyoome ta'ee, isatu abshaalome ta'ee waliisaan wallaale!ย 

Interaansii irra deebi'anii qoramuun hin danda'amaayii? Carraakoon yaala! Yoon Biraanuu Naggaa amallaxeef...! ๐Ÿ˜›๐Ÿ˜€ ๐Ÿ˜†๐Ÿ˜†