Maloota Baatirii Bilbilaa Ittiin Qusannu

Feb 4, 2026 - 16:01
Feb 3, 2026 - 16:21
 0  6
Maloota Baatirii Bilbilaa Ittiin Qusannu
Battery ๐Ÿชซ low image

Akkaatan itti fayyadama bilbila harkaa kanneen Smart Phone jedhamanii baatirii isaanii dadhabsiisuu keessatti dhiibbaa ni qabaata. Baatirii bilbila harkaa keenya kanneen dadhabsiisanii fi yeroo dheeraf akka turuuf maloota nu gargaaran keessaa ijoon kanneen armaan gadiiti.

1. Intarneetii Dadhabaa

Bilbilli keenya yeroo isaa baay'ee neetiwoorkii gaarii barbaacharratti dabarsa. Yeroo intarneetii fayyadamnummoo neetiwoorkin barbaachisaa akka ta'e wal nama hin gaafachiisu. Intarneetii gaarii argachuuf immoo baatirii humnaan fayyadama.ย 

Furmaata:ย 

๐Ÿ“ถ Lafa intarneetii gaarin jirutti fayyadamuu.

๐ŸŒ Bakka namoonni baay'en waliitti qabamanii WiFi fayyadamanitti fayyadamuu dhiisuu.ย 

2. Mul'istuu Lafa Jirtanii (GPS)

Bilbilli keenya yeroo tokko tokko lafa nuti jirru baruu waan barbaaduf GPS akka bannu nu ajaja. Yeroo hunda GPS banaa taasisuun baatirii bilbilaa ni fixa. Appilikeeshinoonni tokko tokko GPSn akka banamu kan barbaadan jiru.ย 

Furmaata:ย 

๐Ÿ“GPS yeroo barbaadame qofa banuu fi erga itti fayyadamneen booda cufuu.

๐Ÿ— Appilikeeshinoota ofumaan GPS banatan hanga danda'ametti ofirraa hir'isuu. Fkn: X (Twitter - Maqaa duraanii)

3. Appilikeeshinoota

Appilikeeshinootni tokko tokko baatirii ni fixu. Yeroo kana garuu namni fayyadamu beekuu dhabuu mala.ย 

Furmaata:

๐Ÿ›  Appilikeeshinoota baatirii fixan ofirraa hir'isuu, ykn guutummaati haquu.ย 

โš™๏ธ Hojimaata (Setting) bilbilaa keessa seenun kutaa baatirii jedhu jalatti kanneen baatirii humnaa ol fayyadaman dhaabsisuu.ย 

4. Ifa Iskiriinii Ol'aanaa

Iskiriinin bilbila keenyaarratti ifa ol'aanaa ykn guutummaatti kan fayyadamnu yoo ta'e baatiriin akka dafee dhumu godha. Dabalataan bilbiloonni iskiriinii gurguddaa qaban isaan kaan caalaa humnan baatirii fayyadamu.

Furmaata:

๐Ÿ“บ Yoo danda'ame ifa iskiriinii xiqqaa ykn giddugaleessa fayyadamuu.ย 

๐Ÿ” Ifaa naannoo jirruu waliin of haaressu (Adaptive brightness) fayyadamuu dhiisuu.

Yeroo bilbila hin fayyadamnetti iskiriinii isaa dhaamsuu.ย 

Ammaa amma iskiriinii bilbila banuu dhiisuu.ย 

5. Gargaartuuwwan (Assistant)

Bilbiloonni as dhiyeenya dhufaa jiran iskiriinii isaanii osoo hin tuqin akka fayyadamnutti tolfamaa jiru. Akka fakkeenyatti osoo iskiriinii hin tuqin bilbila bilbiluu, yoo namni nutti bilbilu kaasuu, fi cufuu, yeroo chaarjirraa buqqifame iyyuu fa'a fi k.k.f.

Furmaata:

๐Ÿ“Œ Gargaartuwwan hin barbaachifne ofirraa cufuun akka hin hojjetne gochuu.ย 

๐Ÿ“Œ Gargaartuu sagalee cufuu.ย 

6. Hoo'a Ol'aanaa

Baatirii baay'en keessoo isaanitii waan ayeen jedhamu kan dafee dafee akka guutuf hojjetame qabu. Kun immoo bilbilli keenya akka hoo'af saaxilamu ni taasisa. Bilbilli keenya yeroo hoo'a cimaaf saaxilamu haalan hojjechuu dhiisuu mala.

Furmaata:

โ™จ๏ธ Haalota hoo'a ykn qorra ol'aanaf saaxilan irraa fageessuu.ย 

๐Ÿ”‹ Appilikeeshinoota humna bilbila keenyati ol ta'an fayyadamuu dhiisuu.

7. Haala Chaarjii Itti Guutnu

Dur hanga bilbilli chaarjii fixutti eeganii guutuu yaada jedhutu ture. Amma saniin faallaa kan ta'e osoo bilbilli keenya chaarjii hin fixin guututu gaaridha. Kana jechuun chaarjin bilbilla keenya hanga dhumutti eegun baatirii ni dadhabsiisa jechuudha.

Furmaata:

๐Ÿ“ˆ Chaarjin bilbila keenyaa yeroo wala'akkaa gad ta'u guutuu.ย 

๐Ÿ“‰ Yeroo chaarjii guutnu hanga parsantii 100 ta'utti eeguu dhiisuu.

Hub.: Chaarjii bilbilaa guutuf jecha halkan irra bulchuun balaaf nama saaxila.

8. Sagalee Ol'aanaa

Sagalee guddaan baatirii bilbilaa ni fixa. Kun haala guddiftuu sagalee (Speaker) irratti hundaa'a.ย 

Furmaata:

๐Ÿ”Š Sagalee olkaafnee dhaggeeffachuu dhiisuu

๐ŸŽง Earphone fayyadamuu. (Sagalee gurra keenya hin miinen)

Walumaagalatti malleen furmaataa kanneen oliitin fi kan birootin baatirii bilbila keenyaa yeroo dheeraf akka nuuf turu gochuu ni dandeenya.

Malli biroo kan filatamu fi oomishtoonni moobaayila irratti waliif galan hojimaata (setting) baatirii qusatu irra kaawwachuudha. Garuu yeroo kana:

๐Ÿ“ต Ifni iskiriinii ni hir'ata.ย 

๐Ÿšซ GPSn hin hojjetu.ย 

๐Ÿ“ณ Bilbilli hin rom'u (No vibration)

๐Ÿ”•Ergaa fi beeksifni nun gahu.ย 

Kanaafuu, ofii keenyaa itti yaadnee fayyadamuutu barbaachisaadha.ย 

Fayyaa ta'aa.

Karaalee miidiyaa Barii System Ittiin hordoftan.

๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡

Facebook Page

YouTube Channel