Telegram Hack (Butame) Ta'e Akkamiin Deebifanna?
Ammayyuu Teelegiraamin namoota baay'ee hack ta'aa jira. Osoo homaa hack ta'uu isaa hin beekin kanuma namaaf ergaa erginu of argina. Akkamitti hack ta'uu keenya barra? Akkamitti ofirraa eegna? Deebin isaa kunooti.
Liinkiwwan hin amanamne kan nama beektanirraa haa ta'uu, nama hin beeknerraa isinitti dhufu osoo adda hin baafatin akka hin tuqne. "Liinkiiwwan hin beekkamne fi amanamoo hin taane akkamitti beekna?" kan jedhuuf guyyaa biraa walitti deebina. Ammaaf immoo, Liinkiwwan karaa keessaatiin namatti ergaman kunis akka waan armaan gadii kana fa'a sababa godhatanii isniif ergamuu malu.
ππΏ "Suuran keessan bakka biraatti post ta'e ilaalaa" kan jedhu. ππΏ "Qr. argattu" kan jedhu. ππΏ Nama isin gargaaruf dhufan fakkaatanii ππΏ Carraa isiniif akka waan fidaniitti fi k.k f ta'anii of mul'isuudhan.
Yoo Hack Ta'e Akkamitti Ofirraa Dhaabna?
Tartiiba armaan gadii kana hordofaa hack ta'uu fi dhabuu keessan mirkaneeffadhaa! Ofirraayis dhaabaa.
1. Akkaawuntii Telegram keessa tuqaa
2. Setting seenaa
3. Privacy and Security seenaa
4. Device kan jedhu tuqaa. (Kun bakka tokko tokkotti Active Session fa'a jechuu mala).
San booda meeshaa ittiin Telegram login gootan kan isin hin beekne yoo agartan "Terminate" godhaa.
Akka hack hin taanef maal gochuu qabna?
1. Two-Step_Verification On godhaa!
Kana jechuun namni biraa hayyama keessan malee yoo meeshaa biraatirratti Login godhu akka Passwordtti kan gaafatamu ta'a. Isa kanammoo isin qofatu beeka waan ta'eef login gochuu hin danda'u. Kana gochuuf tartiiba armaan gadii fayyadamaa:
ππΏ Akkaawuntii Tlegram keessan seenaa
ππΏ Setting seenaa
ππΏ Privacy and Security kan jedhu seenaa
ππΏ Two Step Verification kan jedhu tuqaa
Bakka kanatti password hin dagatamne qubee guddaa fi xiqqaa akkasumas lakkoofsa kan of keessaa qabu dijiitii 8 kan ta'u galchaa.
Hub.: Kan yeroo hundaa hin dagannee fi kan salphaatti hin tilmaamamne ta'uu qaba.
2. Local Passkey On Godhaa
Inni kun immoo meeshaa amma of harkaa qabdan qofarratti hojjeta. Kunis kan nu tajaajiluuf namni nu bira jiru tokko osoo hin beekin akkaawuntii keenya seenee waan hin barbaachifne (fkn: liinkii asii olitti eerame fi k.k.f) akka hin tuqneef nu gargaara. Kanas tartiiba armaan gadii hordofuun ON taasifadhaa.
ππΏ Akkaawuntii Telegram keessa seenaa ππΏ Setting seenaa ππΏ Privacy and Security tuqaa ππΏ Local Passkey kan jedhu tuqaatii lakkoofsa dijiitii 4 ta'u kan hin daganne akkasumas kan namni biraa hin tilmaamne galchaa!
3. Akkaawuntii Telegram Email keessaniin wal qabsiifadhaa
Akkas taasisuun keessan immoo namni biroo hayyama keessan malee akkaawuntii Telegram keessan keessa akka hin galleef (Isin fakkaatee akka login hin goonefidha). Kana yoo jennu ammoo namni hundi E-mail isaa ni tiksa jechuun ni ulfaata. Isas kan tikfachuu qabu abbaadha. Akkamitti kan jedhu guyyaa biraa walitti deebina. Ammaaf immoo Telegram keenya akkamiin E-mail waliin walqabsiifannaa kan jedhuuf tartiiba armaan gadii kana hordofaa.
ππΏ Akawuntii Telegram keessan seenaa ππΏ Setting seenaa ππΏ Privacy and Security kan jedhu tuqaa ππΏ Login E-mail kan jedhu tuqaa. Sana booda tartiiba screen irratti dhufu dubbisuudhan E-mail keessan kan yeroo hunda fayyadamtaniin walitti hidhadhaa.
Ibsa:
Meeshaa: Bilbila, Koompitera fi k.k.f ibsuuf kan fayyadamnedha.
Hack jecha jedhu akkuma jirutti fayyadamuu yaalleerra. Darbee darbee Butame jecha jedhuun yeroo bakka buufamu ni mul'ata. Akka nuuf galuu danda'uuf immoo akkuma jirutti fayyadamuun barbaachiseera.