Wantoota Dhugaa Hin Fakkaanne Garuu Dhugaa Ta'an
Adunyaa kanarratti wantoota yeroo namni tokko nutti himu soba fakkaaatan garuu dhugaa ta'an heddudha. Isaan keessaa kanneen asii gaditti tarreeffaman haa ilaallu.
- Sinbirroon hin fincooftu.
- Goondaan tasumaa hin rafu,sombas hin qabdu hojjetaan waggaa 7,Giiftiin Goondaa waggaaa 15 jiraatu.
- Shaarki Abadan hin dhukkubsatu.
- Fardi dhaabbatee malee ciisee hin rafu.
- Kaanniisni garaa lama qabdi kan Dammaa fi kan nyaataa
- Shaarkiin Adii inni guddaan osoo hin nyaatiin ji’oota 3f tura.
- Arbi hedduun Arrraba Weelii cuqulisaarrra ni saphatu
- Barariin Mataanshee irraa cite lubbuun torbaan tokkoof keessaa hin bahu.
- Harreen al tokkotti Miillashee arfan arguu dandeessi
- Doolfiin Bishaan keessatti fageenya KM 24 irratti sagalee dhagahuu danda’a
- bookeen busaa ilkaan 47 qabdi.
- sararrii Harree Diidoo kamuu walhinfakkaatu
- Billaachi Miilla duubaan dhandhamti
- Qaamni Saalaa sarariitii Dhiiraa Miilasaarratti argama.
- Kaannisni ija shan qabdi
- Booyyeen ol jechettee waa arguu hin dandeessu
- Hantuutni yoo beellofte eegeeshee nyaatti
- Niitiisaaf Bineensi amanamaa Jeedala qofa
- Weeliin cuqulisaa addunyaa kanarraa guddinaan hunda caala
- Hoosiftoota keessaa kan balali’u simbira halkanii qofa yoo tahu miillishee qaqalloo waan taheefis deemuu hin dandeessu
- Simbirri halkanii yeroo hunda holqa keessaa yoo bahan gara bitaatti balali’u
- Bofti Dunuunfatus qola ijaan ni arga
- Bookeen busaa inni dhiiraa hin ciniinu
- Hantuunni lagaa ji’oota 18 keessatti hantuutni 2 qofti fira miiliyoona 1 ni horatti.
- Kaannifni tokko damma fallaana tokko qopheessuuf yoo xiqqaate daraaraa 4000 dhandhamti
- Cilalluun waggoota 3f walitti aansee rafuu danda’a.
- Haadi Sarariitii lama osoo walirra buhe akka sibiilaa ni jabaata.
- Aarbi fageenya Maayilii 3 irraati Bishaan jiraachuusaa adda baasuu ni danda’a.
- Qurxummiin Oyistiir jedhamu gaafa walqunnaamtii godchuu barbaadu saalasaa gara fedhetti ni jijjiirrata.
- Addunyaarraa Waggaa waggaan 1/3 ommishaa ilbisootaan ni manca’a
Isinis waan beektan irraa itti dabalaa!