Miidiyaa Hawaasaa Haaraa

‎Miidiyaan Hawaasaa haarofti kalaqame. Miidiyichi dorgomaa jabaa ta’uun gadi ba’eera jedhames.

Nov 24, 2025 - 16:28
Nov 24, 2025 - 16:35
 0  7
Miidiyaa Hawaasaa Haaraa
Miidiyaalee Hawaasaa

‎Miidiyaan Hawaasaa haarofti kalaqame. Miidiyichi dorgomaa jabaa ta’uun gadi ba’eera jedhames. ‎ ‎Miidiyaan hawaasaa kun "SeenU” kan jedhamu fi tibba kana kan gadi lakkifame miidiyaalee baratamoo biroof morkataa jabaa ta’eera. ‎ ‎Akkaatan itti dhiyaate fi tajaajilli isaa adda kan ta’e “SeenU”, diizaayinii addaan dhihaachuun, walitti dhufeenyi oonlaayinii hiika akka qabaatu, akkasumas namoonni haala salphaan oonlaayinii qofa osoo hin taane dhiheenyatti akka wal arganii fi jeequmsa tokko malee bifa hawwataa ta’een akka mul'atan taasiseera jedha gabaasni miidiyaalee.

‎"SeenU” fayyadamtoota miidiyaa hawaasaa hedduu kan hawwate yommuu ta’u, fayyadamtoonni bifa kanaan dhihaachuu isaatti akka gammadan dubbataa jirus jedhame. ‎ ‎Ogeeyyiin Indaastirichaa “SeenU” yeroo gabaabaa gidduutti fudhatama akka argatu eeruun, bara walitti dhufeenyi namootaa hundi “Virtual” ta’etti yaada addaan gadi ba’uun SeenU dorgomaa cimaa isa taasisa jedhaniiru. ‎ ‎

Yeroo ammaa “SeenU” App Store irratti gadhiifamee kan jiruu fi fayyadamtoota “Android” kan ta'aniif immoo yeroo gabaabaa keessatti akka gadhiifamutu eegama. ‎