Meeqa Keenyatu Beekan Laata?
Sirnoota kanneen mala salphaadhan hubachuuf nu dandeessisu as irratti dhiyeessineerra.
Sooshaaliizimii: Saawwa lama yoo qabaatte tokko ollaaf kennuu qabda.
Komiyuuniizimii: Saawwa lama qabda, mootummaan lachuu sirraa fudhatee aannan siif Kenna.
Faashiizimii: Saawwa lama qabda, mootummaan lachuu sirraa fudhatee aannan sitti gurgura.
Naazii: Mootummaan saawwan kee fudhatee si ajjeesa.
Kaappitaaliizimii: Saawwa lama qabdu keessaa tokko gurgurtee dibicha bittee Loon kee baay'isuudhaan gurgurachaa bu'aa jalaa argattuun jiraatta.
Kaappitaaliizimii Ammayyaa: Saawwa lamaan keessaa tokko gurgurtee dibicha bittee horsiifatta. Qarshii argattuun saawwan ollaa keerraa bitta. Ollaa kee hojjetaa gootee miindessita. Ollaawwan kee kun akkuma hiyyoomanitti du'u.
Hawaasa Ameerikaa: Saawwan lamaan keessaa tokko gurgurtee, saawwa oomisha aannan olaanaa qabdu bitta. Saawwi kun humnaa ol aannan kennuu irraa kan ka'e si jalaa du'a. Duuti kun akka siif qoratamuuf gorsaa seeraa miindessita.
Hawaasa Faransaay: Saawwa lama qabda, saawwa sadaffaa yoo barbaadde mootummaa irratti hiriira baata.
Hawaasa Jarman: Saawwa lamaan qabdu qorannoodhaan waggaa 100 akka jiraatan, ji'atti al tokko qofa akka sooratan, aannan saawwan kudhanii akka oomishan taasifta.
Hawaasa Chaayinaa: Aannan saawwa lamaanirraa argatte lammii keetiif gurgurtee,aannan pilaastikarraa oomishtee ollaawwan keetti gurgurtee qabeenya kee ol kaasta.
Hawaasa Gurraacha Afirikaa: Saawwa lamaan qabdu gurgurtee ykn qaltee ji'a tokkotti nyaattee fixxa. Achii booda dhaabbanni gargaarsaa saawwa baay'ee naaf kenna jettee eeggatta. Sun ta'uu yoo baate gara mana amantaa deemtee kadhatta. Saawwan akka samii irraa siif rooban halkan afurtamaa fi guyyaa afurtama soomtee kadhatta. Osoo akkana jettuu hiyyummaa fi gadadootiin addunyaa kanarraa dhabamta.