Muka Aappilii Keenya: Seenaa Jaalala Hin Dhumne

Garuu yeroo gatii isaanii hubannu, yeroon isaa darbeera. Seenaa garaa nama nyaatu, seenaa hunda keenya Wal fakkeessu.

Feb 6, 2026 - 01:12
Feb 11, 2026 - 07:25
 0  3
Muka Aappilii Keenya: Seenaa Jaalala Hin Dhumne
Muka Aappilii

'Muka Aappilii Keenya'

Yeroo dheeraa dura, mukti Aappilii guddaa tokkotu ture. Mucaan xiqqaan tokko kan guyyaa guyyaan dhufee naannoo mukichaa taphachuu jaallatu ture. Gara fiixee mukaatti ol bahee firii mukichaa nyaatee gaaddisa isaa jalatti hirriba fudhata. 

Mucaan kun muka kana baay'ee jaalate. Muktis isa waliin taphachuu baay'ee jaallate. 

Barri dhufaa darbe, mucaan xiqqaan sun guddachaa deeme. Kana booda guyyaa guyyaan naannoo muka sanaatti taphachuun hafe.

Gaaf tokko, gara muka kanaatti deebi'ee akka nama gadduu ta'e. “Kottu na waliin taphadhu”, jedhee mukni mucicha gaafate. “Ani kana booda mucaa miti, kana booda muka waliin hin taphadhu” jedhee deebiseef mucichi.

“Meeshaalee taphaaf oolan nan barbaada. Isaan bitachuuf qarshiin na barbaachisa.” jedheen itti dabalee ammas mucichi. “Dhiifama, ani qarshii hin qabu, garuu Firii Aappilii koo hunda funaantee gurgurachuu dandeessa. Kara kanaan, qarshii qabaachuu dandeessa.” jedheen mukichi.

Mucaan sun baay'ee gammade. Firii Aappilii mukicharra jiru hunda funaannatee gammachuudhaan deeme. 

Mucaan sun firii Aappilii erga funaannatee deemen booda deebi'ee hin beeku. Mukti sunis gocha kanatti ni gadde.

Gaaf tokko mucaan amma gara nama guddaatti jijjiirame sun deebi'ee dhufe. Yeroo kana mukichatti gammachuu guddaatu itti dhaga'ame.

“Kottu na waliin taphadhu” jedheen mukichi. ''Taphachuuf yeroo hin qabu. Maatii kootiif hojjechuun qaba. Waan keessa jiraannu mana nu barbaachisa. Na gargaaruu dandeessaa?” jedheen. “Dhiifama, an mana tokkollee hin qabu. Garuu mana kee ijaaruuf damee koo cirachuu dandeessa.” 

Namichis damee mukaa hunda muratee gammachuudhaan deeme. Mukichis gammachuu isaa arguun isaatti ni gammade. 

Garuu namichi ergasii deebi'ee hin beeku. Mukti ammas kophaa isaa gadda ture.

Guyyaa tokko waktii gannaa tokko namichi deebi'ee dhufe. Mukni sun gammade. “Kottu na waliin taphadhu!” jedhe mukti. “Ani dullooman jira. Of boqochiisuuf bidiruudhan deemuun barbaada. Bidiruu naaf kennuu dandeessaa?” jedhe namichi. “Bidiruu kee tolchuuf jirma kootti fayyadami. Akkasitti fageenya deemtee gammachuu argachuu dandeessa.”

Namichis bidiruu tolchuuf jirma mukaa sana mure. Erga bidiruu sanaan deemeen booda yeroo dheeraaf mul'atee hin beeku.

Dhumarratti namichi waggoota hedduu booda deebi'e dhufe. “Dhiifama mucaa koo. Garuu kana booda homaa waan siif kennu hin qabu. Kana booda firiin siif kennu hin jiru”, jedhe mukti sun. 

“Rakkoo hin qabu, ilkaan ittiin Aappilii nyaadhu hin qabu” jedhee deebiseef namichi.

“Kana booda jirmi ittiin ol baatu hin jiru.” jedhe mukichi.

“Amma sanaaf dulloomeera” jedhe namichi. 

“Dhugumatti homaa siif kennuu hin danda’u, wanti hafe hundee koo isa du’aa jiru qofa” jedhe mukti sun imimmaan dhangalaasaa.

“Amma waan baay’ee na hin barbaachisu, bakka itti boqodhu qofa. Waggoota kana hunda booda dadhabeera,'' jedhee deebiseef namichi.

"Gaariidha! Hiddi muka dulloomaa bakka itti hirkattee itti boqottu hundarra gaariidha, koottaa na waliin taa’ii boqodhu.” jedhe mukichi. Namichis ni taa'ee mukni gammadee kolfa imimmaanin makame kolfe.

Kun seenaa nama hundaati. Mukti akka warra keenyaati. Yeroo ijoollee turretti, Haadhaa fi Abbaa keenya wajjin taphachuu ni jaallanna turre. Gaafa guddannu isaan dhiifna; yeroo waa nu barbaachisu ykn yeroo rakkoon nu mudatu qofa gara isaanii dhufna. Waan fedhes ta’u, warri yeroo hunda achitti argamu, si gammachiisuuf qofa waan danda’an hunda ni taasisu.

Mucaan sun mukatti gara jabeessa sitti fakkaachuu dandaʼa, garuu hundi keenya akkasitti warra keenya ilaalla. Akka waan salphaatti ilaalla; hanga yeroon isaa darbutti waan isaan nuuf godhan hunda hin dinqisiifannu.

Warra kee ija jaalalaatiin ilaali. Gatii isaanii kan beektu, yeroo isaan hin jirre qofadha. Hanga warra taanutti, jaalala warri keenya nuuf qaban gonkumaa hin beeknu.