Ameerikaan Dhimma Yuufoo Irratti Waan Jette Qabdi
Iccitiin Yuufoo (UFO) uummataaf ifa ta'uu qaba jechuun Pirezidaantin Ameerikaa Donaald Tiraamp dubbachuu isaanii BBCn gabaase
Ameerikaan Iftoomina Iccitii Yuufoo (UFOs) Ibste
Dhimmi Yuufoo (UFOs) kan jaarraaf irraa dubbatamaa turee fi iccitiidhaan qabamee ture, akka uummatni beeku qabu Pireezidaanti Doonaald Traamp ajajuun isaanii gabaafameera. Kanaanis Ministeerri Ittisaa Ameerikaa sanadoota iccitii Yuufoo 150 ol ilaallatan ifa taasiseera. Sanadoonni kunneen maal of keessaa qabu?
Kanaanis Ministeerri Ittisaa Ameerikaa (Peentaagon) sanadoota iccitii, viidiyyoo fi odeeffannoo fakkiiwwanii Yuufoo ykn dhimmoota gochaalee qilleensa irra namatti hin mul'annee (hin beekkamnee) (UAPs) 150 ol ilaallatan uummataaf banaa taasiseera. Sanadoonni ifa godhaman kunneen, dhimmoota hin beekamne kanneen waggoottan kurnan darban keessatti balaliistota waraana Ameerikaa, miseensota humna galaanaa fi dhaabbilee basaasaa adda addaatiin galmeeffaman bal'inaan agarsiisu.
Haa ta'u malee, Ministeerri Ittisaa Ameerikaa sanadoota kanneen irratti akka ibsetti, dhimmoonni kunneen hamma yoonaatti 'kan furmaata hin argatin' (Unresolved) ta'uu fi mootummaan waa'ee uumamaa fi maddaa waan qabatamaa ta'e irratti murtoo xumuraa irra gahuu akka hin dandeenye beeksiseera. Dabalataan sanadoonni kunneen jireenya 'uumamoota lafaan alaa' (Aliens) irratti ragaa ifa ta'e keennuu baatus, uummatni mataa isaatiin odeeffannoo kana ilaalee akka irratti murteessuuf ifa taasifamanii jiru jedhameera."
Galatoomaa!
Maddi: BBC