Xiyyiitiin nama hin ajjeesu, nama kan ajjeesu namuma.
Uumama adunyaa kanarra jiru keessaa kan nama ajjeesudhaan sadarkaan duraatirra jiru...
"Xiyyiitiin nama hin ajjeesu, nama kan ajjeesu namuma" jedhu. Uumama dachee kana irratti uumaman keessaa, ilma namaa ajjeesuudhaan uumamni dursa fudhatu (tokkoffaa ta'e) isa kami isiniitti fakkaata?
Dhugumatti tilmaama keessan kamiyyuu yoo keessan, tilmaama kana tilmaamuu hin dandeessan. Namoonni baay'een jalqaba irratti uumama akka leencaa fi kanneen biroo baay'ee sodaachisoo fi lubbuun namaa galaafatan akka ta'an tilmaamu. Leenci uumamawwan balaa geessisan keessa haa jiraatu malee, dandeettii ajjeesuu isaatin uumama Amma isinitti himuuf deemun kana hin caalu. 'Our World in Data' akkaataa data baaseen, uumamawwan 10ffaa hanga 1ffaa jiran tartiiban gara duubatti isiniitti haa himnu.
Kurnaffaa irratti leencatu argama. Leenci yoo baay'ate waggatti nama hanga 200 gahu ajjeesuu danda'a malee, balaa kanaa caalu hin geessisu.
Sagalaffaa irratti immoo Roobin kan argamu yoo ta'u, innis waggatti namoota hanga 500 ni ajjeesa.
Arba yoo ilaalle ammoo sadarkaa saddettaffaa irratti kan argamu yoo ta'u, innis waggatti namoota hanga 600 ni ajjeesa.
Torbaffaan naacha yoo ta'u, innis waggatti namoota hanga 1,000 gahan ni ajjeesa.
Jahaffaan ammoo hantuuta summaa'aa ykn giinxii (Jecha afaan Oromoo miti) summaa'aa yoo ta'u, waggatti namoota 3,300 ol ajjeesudhaan sadarkaa jahaffaa qabateera.
Sadarkaa shanaffaa irratti kan argamu ammoo tukaana nama ajjeesu jedhamuun kan beekkamu jedha dhaabitichi. Tukaanni gosti isaa baay'eedha; tukaanonni lubbuun namaa dabarsaan kanneen summaa'oo ta'an jiru, isaan ammoo waggatti namoota hanga 10,000 fi isaa ol ajjeesudhaan dataan isaanii galmaayeera.
Arfaffaa irratti kan argamu ammoo saree maraattuudha. Akkuma beekkamu saroonni nama hin nyaatan; amala isaanitii namootatti baay'ee kan dhiyaatanii fi hidhata qabanidha. Garuu saree maraattuun yeroo namoota irraan miidhaa gahan, waggatti namoota addunyaa keenyaa hanga 59,000 gahan dhibee saree kanaan du'u jechuudha.
Sadaffaa irratti uumamni baay'ee balaa geessisaa jedhamu fi namoonni baay'een tilmaaman bofa. Bofni summaa'aan waggatti namoota 138,000 ol ni fixa. Kanaanis bofni sadarkaa sadaffaa irratti kan argamu ta'a.
Lammaffaan garuu bu'aan isaa namoota baay'ee naasiseera. Uumama uumaa dachee kana irratti argaman keessaa, nama ajjeesudhaan sadarkaa lammaffaa irratti kan galmaaye fi waggatti namoota 400,000 ol kan fixu... ilmoo namaati. Namuma mataa isaa! 'Our World in Data' yeroo data kana galmeessu, waraanni keessatti hin hammatamne.
Bu'aan kun namoota baay'ee akka dinqisiise galmeen dataa kun agarsiiseera. Innis namoonni baay'een waggatti namoota hamma kanaan gahan, ilmaan namootaa mataa isaaniitiin ni ajjeefamu jedhanii hin tilmaaman. Waraanni yoo jiraate, yeroo baay'ee waraanaan namoonni baay'een akka du'an galmaaya. Garuu bakka adda addaatti maallaqa saamuuf, yakka adda addaatiif jecha ilmaan namootaa waggatti nama 400,000 ol fixu. Lakkoofsi kun baay'ee kan nama naasisudha.
Sadarkaa tokkoffaa irratti kan galmaaye booke busaa yoo ta'u, innis waggatti namoota 700,000 ol ajjeesa.
Garuu addunyaa keenya irratti uumamni namootaaf balaa guddaa ta'e sadarkaa lammaffaa irratti namuma mataa isaa ta'ee argamuun isaa namoota baay'ee yoo dinqisiiseyyuu, dhugaa hadhaawaa fi baay'ee nama gaddisiisudha. Ilmoo namaatiif diinni isaa namuma mataa isaati. Kanumaaf namoonni baay'een "Xiyyiitiin nama hin ajjeesu, nama kan ajjeesu namuma" kan jedhaniif. Sababni isaas xiyyiitiin maashiniidha. Xiyyiitiin mataa isaatiin ka'ee nama kan ajjeesuuf ibsi (sababni) tokkoyyuu hin jiru. Xiyyiitii kan kaasanii nama ittiin ajjeesan ilmaan namootaati. Boombii kan hojjetu namuma; dhimmoota hamoo kan raawwatu namuma; Egaa isin yeroo data lakkoofsaa kana argitan maaltu isiniitti dhaga'ame? Ilmaan namootaa dachee kana irratti lubbuun jiraachuuf, uumamni haala kanaan balaa isaan irratti uume namuma ta'uu isaa, akkasumas uumamawwan balaa geessisan 10 keessaa sadarkaa lammaffaa irratti nama baay'ee fixuudhaan kan galmaaye nama ta'uu isaa yeroo dhageessan maaltu isiniitti dhaga'ame?
Yaada keessan nuuf barreessaa.
Galatoomaa