Maallaqaa Dogoggoraan Mobile Banking Fayyadamuun Ergitan Baankin Isiniif Deebisiisuu Danda'aa?
๐๐จ๐ ๐จ๐ ๐ ๐จ๐ซ๐๐๐ง ๐๐จ๐๐ข๐ฅ๐ ๐๐๐ง๐ค๐ข๐ง๐ ๐๐ก๐๐๐ง ๐๐๐๐ฅ๐ฅ๐๐ช๐ ๐๐๐ฆ๐ ๐๐ข๐ซ๐๐๐ ๐๐จ๐จ ๐๐ซ๐ ๐ข๐ญ๐๐ง, ๐๐๐๐ง๐ค๐ข๐ข๐ง ๐๐๐ฎ๐ฆ๐๐๐ง ๐๐ข๐ง๐ข๐ข๐ ๐๐๐๐๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฎ ๐ง๐ข ๐๐๐ง๐๐'๐๐? Seerri Maal Jedha?
Namoonni hedduun yeroo mobile banking fayyadaman dogoggoraan maallaqa nama biraatti erguu dandaโu.
โโBaankiin maallaqa sana account nama sana irraa fuudhee naaf deebisuu dandaโaa?โ gaaffii jettuuf deebisaan:
โAkka seera baankiitti, baankiin hayyama abbaa account sanaa ykn ajaja mana murtii malee maallaqa account nama tokko irraa fuudhee nama biraaf deebisuu hin dandaโu. Sababni isaa mirgi abbummaa fi nageenyi herrega mammilootaa eegamuu qaba jedhee seeraa lafaa qaba.
โDhaddachi ijjibaata Feederaalaa akkana jedha:
โNamni maallaqa kaffaluu hin qabne kaffale akka deebi'uuf gaaffachuun mirga ta'ullee garuu dogongorri tokko osoo hin jiraatin Waliigaltee fi dirqamni seeraa isa kaffalchiisu akka hin jirre osoo beekuu maqaa fi lakkoofsa herreegaa (Account) barreessuun maallaqa yoo erge itti yaadeefi fedhinnaan akka ergeetti waan fudhatamuuf maallaqa siif ergamuu hin qabneen siif ergee naaf deebisi jedhee gaafachuu hin danda'u" DH/IJ/MMWF lakk.175660 Jildii 26ffaa murtiii kenname ture.
โBaankiin garuu yeroo dogoggorrii akkanaa uumamee komiin maammila irraa dhufe waanti godhu:ย
Yoo dhugumaan sitti amane nama maallaqa fudhateen wal si qunnamsiisee akka ati wal dubbiftee maallaqa kee akka siif deebisuu itti gaafattu haala siif mijjeessa. Garuu ofumaan account irraa hirโisuu ykn maallaqa deebisuu hin dandaโu yoo adeemsi seeraa hin jirre ykn mana murtiin ajajame malee.
โKanaaf yeroo mobile banking fayyadamtan:
โโ Maqaa namaa sirriitti mirkaneessaa
โโ Lakkoofsa account ykn bilbilaa yeroo 2 fi isaa ol ilaalaa
โโ Saffisaan Maallaqa hin dabarsinaa.
โโ Yoo wannii akkasii isin mudate ammoo damee naannok keessan jiru dubbisaa dhimma keessaan karaa seeratin akka isiniif furamu isin gargaaruu danda'u waan taatef.
โGalatoomaa!!
Madda: FB (Ogeessa Seeraa Dajanee Adunyaa)