Sirboota fi Hubannaa Keenya

Miira akkamiitu kana barreessan? Miira jiraatamee laata? Moo akkanumatti barraaye?

Sep 13, 2026 - 21:59
Sep 13, 2026 - 22:14
 0  4
Sirboota fi Hubannaa Keenya
: :
playing

Namooti sirba dhaggeeffachuu beektaniifi jaalattan,barruu kana dubbisaa,sirba kanas nàaf dhaggeeffadhaa☕🍀

‎Bob Dylan (Ameerikichi) jechoota uumee walaloo keessatti,qarqabee,sirbaan hawaasummaa,aadaa, Afaan, eenyummaafi siyaasaa irratti dhiibbaa uume. John Lennon (Ingilizichi): sirboota nagaa fi jaalala irratti hundaa’an barreessee,waaqa jechootafi maleekaa yeedaloo jedhamuun beekameera.

‎ Paul McCartney (Ingilichi): sirboota hedduu beekamoo,addunyaan ittin jaalala ibsachaa, xiiqii qabachaa,Hirkoon of tumsaa, ishoo-bagaa sabichaan,Afaan isaanii keessa oggayyuu jiraatu, barreesse e jamaaf dhiyeesse.

‎ Taylor Swift (Ameerikichi): seenaa jireenyaa fi miira dhuunfaa,abdii, roorroo ,quuqqaa,hi-entaa namaafi namaa,namaafi uumama biroo waliin jiru walaloo sirbaa keessatti ibsuun beekamti guddoo argate.

‎As Afrikaatti yoo deebinu,hanga hojjete himamuufi,himatachuun rakkoo qabaatus,gama kalaqa ogumaafi ogummaa dameelee wantoota oguuyyaa Addunyaan warra duraati.Keessattuu,warra diqaalomni,haalluu,aadaafi amantii dafee hin qaqqabne,waan gurguddoo aduunyaaf bu'aa buusan hedduu horanii,horachiisuun,irboo irraa fayyadaman ta'aniiru.

‎Kanas hanga kana xunnee,gara Kuush,keessaa Oromiyaa, Oromootti oggaa deebinu,alaabafi aasxaan oguma Oromoo guddichi Abdii Qopheetu argama.Jiraates, du'ees kan jiraate,osoo hambanaafi addana ta'uu baatee,nama warran dura olitti xuxxuqe sanii oliiti.Maal eessafi eessatti‽ 

‎An keenya ta'eef hin Jeju,odoo walaloowwan inni barreesse Afaan Addunyaatti hiikkamee madaala isaa waanin beekufi.

‎Akkumakoo durii,yeroon aaree,yeroon gammadefi miira kamuu sirba caqasu,tasan tibbana,sirba dur hojjetame,anaaf immoo haarawaa,kan namni hedduunis quba irraa hin qabaatinin dhaggeeffadhe.

‎Mata dureen,"JIREENYI KOO'' Weellisaan,Ahimed Yaasiin jedha.An ofii Weellisaa kanallee hin beeku,teessan sintu beeka.Garuu namuu amma dura,na biratti banees,yeroo maqaa kaasus hin dhageenne.Sirbichi Audio qofa.Barreessan walalichas hin himamne, shakkin Koo garuu,Abdii Qopheeti.Isatu Addunyaa akkanaa beeka.Isatu miira akkanaa uumee,himuufi limuu danda'a.

‎Mee ani Xiinxalli ykn qaaccessaa walaloo hin kennu/hojjedhuu,garuu guutummaa walaloo kana dubbisaa! 

‎Miira akkamii,seenaa bif-tamiin,haala akkamiin, walaloo akkanaa hojjetu? Hin ulfaatuu? Yaadan nama hin oofuu? 

‎Wantin amanu,namni jireenya kana jiraate hin argine, walaloo akkanaa hin uumu,ni uuma jechuuf natti cime.Yoo itti jiraatan,hubatama.

‎Mee dubbisaa,ofumaa qaaccessaatii,ergaa isaa hubadhaa!

‎Miirichi♥️😥🌳

‎Jiereenyi Koo maaf ta'e oggayyuu
‎Jireenya yaada
‎Naas sumatu uumee, si biratti tokko umammni kee hundaa
‎Si gahee jedhii narraa kutimee
‎Yaa rabbi guddaa

‎Ceesisa

‎Jiruu gaarii osoon hin jiraatin takka 
‎Rifeensikoo na ta'e lama
‎Humna fixadhee
‎Coraan narraa dhumtee,
‎miila fiduuf gara dullumaa
‎Keessaa na baasi yaa waaqayyoo 
‎Jabeenyi keetii danda'aan sumaa

‎Ceesisa

‎Tattafanni kootis waa narra fooyyemii,
‎Golgolooytumaa an jiruun tiyyaa..
‎Hojjechuma malee of jala hin beekuu,
‎Kan biraat abbooma bar dafqa tiyya
‎Deebi'eet na muudataa
‎,lafumat na didee bar hireen tiyyaa
‎Biliqa na buufte jiruun golgolaa,
‎Dadhabe foyyeessuutin alanala
‎Hiraarfameetin alanala
‎Bilisa na baasi harka keet caalaa×2

‎Yoo dubbiste, ulfaadhu, galatoomi 🥰 

‎Ati nama Aartii jaalatuufi waa'ee isheef ijaafi gurra qeensudha.

‎Wayyoomaa!

‎Bunaafi nagaa hin dhabinaa ☕ 🌳 

Madda: Barreessaa Gaaddisaa Tafarii