Dubartiin Takka Walqunnamtii Saalaa Yoo Raawwachuu Baatte Rakkoo Ni Qabaa?

Dubartiin takka fedhiin walqunnamtii saalaa itti dhufee yoo raawwachuu baatte maaltu itti dhagahama?

Oct 24, 2025 - 12:34
Oct 25, 2025 - 09:37
 0  7
Dubartiin Takka Walqunnamtii Saalaa Yoo Raawwachuu Baatte Rakkoo Ni Qabaa?

Dubartiin takka fedhiin walqunnamtii saalaa itti dhufee, fedhii ishee kana yoo bahuu baatte dhukkubbiin qaama saala muudachuu mala. Dhukkubbiin kunis "Blue vulva" jedhamuun kan beekkamu yoo ta'u, dhukkubbii dubartiin takka fedhiin walqunnamtii saalaa itti dhufee yoo bahuu baatte ishee mudatuudha. Dhukkubbiin kun dubartoota baay'ee mudachuu danda'a. Dubartoonni dhukkubbiin kun isaan hin muudannes jiru.

Dubartoonni fedhiin walqunnamtii saalaa yoo itti dhufu qaamni saalaa isaanii gocha kanaaf qophaa'a ta'uudhaaf, dhiigni ujummoolee dhiiga raabsaniin (arteries) irraa gara naannoo qaama saalaatti imala. Dhiigni dura garas imale immoo akka achii hin deebine ujummooleen dhiiga deebisan (veins) kan gara olitti argaman walitti butamuudhaan dhiigni naannoo san akka turu godhama. Haalli kun, akkuma walqunnamtii saalaa raawwatanii fedhii bahaniin iddoo isaa duraatti deebi'a.

Haa ta'u malee, fedhii yoo bahuu baatan miirri dhukkubbii fi miirri akka dhiibbaa fakkaatu wayii namatti dhagahamuu danda'a. Dhukkubbiin kun salphaa fi yeroon booda ofumaaf kan nama dhiisu waan ta'eef, waan nama dhiphisu hin qabu. 

Furmaata
‎Dhukkubbiin kun dafee akka nama dhiisuuf maloota armaan gadii fayyadamuun nama gargaara.

  • Sochii qaamaa gochuu
  • Abbaa warraa yoo qabaatan walqunnamtii saalaa raawwachuu (Kan hin heerumne hin ilaallatu)
  • Xiyyeeffannoo ofii waa'ee walqunnamtii saalaa irraa kaasuu
  • Wantoota ulfaataa ta'an suuta olkaasuu (Weight)
  • Qaama keessan bishaan qorraadhaan dhiqachuu
  • Diriirfatanii dugdaan ciisuu
  • Bishaan qorraa haayilaanditti naqanii iddoo dhukkubbiin namatti dhagahamu sanitti qabuu fi k.k.f.

Galatoomaa!

Waa'ee "blue balls" beektuu? Dhukkubbii keessoo cidhaanii sababa dhiirri walqunnamtii saalaa yeroo dheeraaf raawwachuu yoo baate uumamuu danda'udha. Dabalata isaa yoo barbaaddan yaada keessan Comment jala nuuf kaahaa.